Main Content

This is your primary page text, articles, or feed content.

Seensa Waldaan Aksiyoona Geejjibaa fi Lojistiksii Gadaa (WAGLG) dhaabbalee misooma motummaa naannoo oromiyaa keessaa isa tokko yoo ta’u, tajaajiloota geejjibaa fi logistiksii waliin hidhata qaban, tajaajila qulqulleessa sanada gumurukaa, tajaajila daawwii fi deemsaa karaa maamiltootaa isaaf kennuudhaan qooda isa irraa eegamu bahachaa jira. Akkasumas sochii misooma hawaasumma fi dinagdee naannoo keenyaa fi kan biyyaa si’eessuu keessatti qawaa hanqina lojistiksiin uumamu duchuudhaan dinagdee biyyaa fi naannoo keenyaa deeggaraa jira. Kanaafuu, tajaajila maamiltootaa isaaf kennu gahumsaan raawwachuuf dandeettii raawwachisummaa isaa gama hundaan cimsuudhaan of gahoomsaa dhufee jira. Tajaajila maamiltoota isaaf kennaa jiru si’oominaa, qulqullinaa fi karaa baasii qusatuun kennuuf hanga tokko tekinoloojii barbaachisoo ta’an fayyadamaa jira. Dabalataan, ergama fi mul`ata isaa galmaan gahuuf karoora waggoota darbaniin hanga ammaa sochii adda addaa gaggeessaa ture jira. Sochii gaggeefamaa ture kana yeroo yeroon gamaggamuun cimina jiru caalmaatti itti fufsisuu fi hanqinaalee mul’atan irratti hojjechuuf kallatti kaawwatee jira. Rakkoolee mul’atan ammo qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun mala furmaataa kaa’a deema turee jira. Haaluma kanaan, akka kutaa ICT fi Dijitaalaayizeeshinii dhaabbatichaatti ergamaa fi mul’ata dhaabbatichaa galmaan gahuuf tekinoloojii dhaabbata kanaaf barbaachisu hidhachiisuun bu’aa hojii isaa dabaluun nu irraa eegama. Akkasumas, yeroon amma keessa jirru yeroo digitaalaayizeeshinii ta’uun isaa ni beekama. Kanaaf, hojiiwwan raawwataman tekinoloojii yeroon kun dirqamsiisaa jiru fayyadamuun ariitii, qulqullinaa fi bu’aa qabeessummaa dhaabbatichaa guddisuun barbaachisaadha. Bu’uruma kanaan, hojiiwwan akka karooraatti taa’an kana galmaan gahuuf kutaalee mana hojii waliin qindoominaan hojjechuuf karoorri bara 2019 akka armaan gadiitti qophaa`ee dhihaateera. Angoo fi Gahee WAGLG Waldaan Aksiyoona Geejjibaa fi Loogistiksii Gadaa bu’uura dambii lakk. 253/2017 tiin invastimantii giruppii tumsa developmanti jalatti tajaajila geejjiba fe’umsa gogaa kennuuf kan hundeeffame yoo ta’u, dabalataan hojiiwwan daldalaa geejjibaa fi loojistiksii waliin hidhata qaban akka hojjatuuf kan hundeeffameedha. Ergama, Mul’ata fi Duudhalee Mul’ata Bara 2031tti baha Afrikaatti dhaabbata geejjibaa fi loojistikii adda duree ta’e keessaa tokko ta’uu!! Ergama Dhaabbatichi geejjiba fe’umsaa gogaa, ummataa, hojii man-kuusaa, tajaajiloota akka tiraansiitii, loogistiikii sona dabalataa, hojii daawwannaa fi imalaa saffisaa fi nageenyummaan isaa mirkanaa’e, akkasumas tajaajila leenjii fi ogummaa amanamaa fi qulqullina qabuu maamiltoota fi qooda fudhattoota isaaf dhiheessuudhaan, dorgomaa fi bu’a qabeessa ta’uudha.

Main Content

Column One

This is the first column of your main text or feature layout.

Duudhaa Dhaabbatichaa

  • Nageenyummaa (Safety)
  • Ol’aantummaa qabaachuu (Excellence)
  • Amala amanamummaa
  • Ogummaawuu (Profesionalism)
  • Uumuu/kalaquu/ danda’uu (Creativity)
  • Walita’iinsaan hojjachuu (synergy)
  • Sona dabaluu (Value Addition)
  • Itti fufinsa qabaachuu (Sustainability)
  • Column Two

    This is the second column of your main text or feature layout.

    Galma

  • Galii Dhaabbatichaa 4,780,616,431.78 maddisiisuu,
  • >
  • Bu’aa hin qulqulloofne birrii 1,282,764,145.36 buufachuu,
  • Fe’umsa kuntaala 5,661,000 geejjibsiisuun Daandii Km. 7,948,440 uwwisuu,
  • Hojimaata opereeshinii digitaalize %100 gochuu,
  • Danddeettii Raawwachiisummaa cimsuu.
  • Raawwii hojii Gurguddoo baroota darbanii WAGL Gadaatti akka kutaa Tekinoloojii Odeeffannoo fi Quunnamtiitti hojiiwwan kanaan dura raawwataman kanneen asii gaditti tarreeffamanidha Garuu gama kutaa kanaatiin hojiiwwan akka:  Netiworkiin diriiree jira.  Inteerneetiin galee hojjettoonni fayyadamaa jiru.  Wi-Fi hojjettootaaf galfamee jiraa.  Meeshaaleen TQO mana hojii keenyaa yeroo isaanii eegatanii free antivirus fe’amaa fi suphamaa jiru.  Kaameraan nageenya hanga tokko bakka hojii mana hojichaa fi workshop mojoo keessatti hojiirra oolee jira.  GPS to’annoo konkolaattotaa hojii irra oolee jira. Xiinxala Haala Waliigalaa Cimina, Hanqinaalee fi Rakkoowwan raawwii hojii baroota darbanii keessatti mul’atan. Baroota darban keessatti akka kutaa ICT fi Dijitaalaayizeeshinii WAGLG gama tekinoloojiitiin hojiiwwan akka cimiddaa (networking) meeshaalee TQO, ittifayyadama interneetii karaa cable fi wifi, kaameraa nageenyaa akkasumas itti fayyadamni GPS to’annoo konkolaataa fi mosajjii to’annoo bobbii konkolaataa hojiirra oolchuu irratti hojiin hojjetamee jira. Haata’u malee, hojiiwwan kun guutummaa guututti fi bu’aan isaan irraa eegamuu akka barbaadamutti hojii keessa galchuun murteessaadha. Dabalataanis, meeshaalee tekinooloojii bakka hanqina qabutti guutamuudhaan hanqinaalee mul’atan duchuun baarbaachisaa ta’uu walhubannaan uumamuu qaba. Ammas kutannooni fi fedhiin hooggansaa akka mul’ututti baajetaan deeggamuu akka qabu hubatamuu qaba. Keessumaa, meeshaalee tekinoloojii to’annoo konkolaattota fe’isaa kan akka mosajjii (software) Transport Management System (TMS), GPS tracker fi Fuel Level Sensor sirnaan fayyadamuun kaayyoo manni hojichaa ittin hundeeffame galmaan gahuu keessatti gahee leencaa akka taphatu asumarraa hubachuun murteessaadha. Meeshaaleen kun akkuma addunyaattu meeshaalee to’annoon bobbii konkolaataa ittiin raawwatamu ta’anii jiru. Kunimmoo, bobbii konkolaattotaa keenyaa keessatti konkolaataan keenya maal hojjetaa jira?, eessa jira?, maal fe’e?, bobbin isaanii baasiiwwan akkamii qaba?, bu’aa hagamii buusaa jira?, boba’aan isaaniif guutamu dhuguma dhimma jedhameef oola jira?, miidhaan konkolaattota keenya irra gahaa jiru maalidha?, amalli konkolaachistoota keenyaa akkami?, gaaffiwwan jedhan deebisuuf tekinoloojiiwwan kannin fayyadamuun deebisuun ni danda’ama waan ta’eef hojiirra oolmaan isaanii dirqama ta’a jechuudha.